Wq/om/Baqqalaa Garbaa

< Wq‎ | om
Wq > om > Baqqalaa Garbaa

Kanas Ilaali Adam Saadoo

  1. “ Ani har'a mana hidhaa keessa jira, boru immoo kanneen har'a yakka malee na hidhan kanaaf ta'a, Qabsoon keenya itti fufa. ”
  2. “ Bara jireenya kootti, haqa-jal'ate loogdummaa, loogii-sanyii fi cunqursaa mufadhee mormeen jira. Filannoo kootiin otuu hin taane, fedha Waaqayyootiin kanaan irraa dhaladhe, Ummatni Oromoo, mirgaawwan namummaa fi mirgaawwan dimokiraasummaa isaa kabajamaniifi, ija qixxeen akka ilaalamu gochuuf qabsoon karaa nagaa gaggeesseef aarsaa ta'uu danda'uun koo anaaf kabajaadha. ”
  3. “ Biyyi guutuun iddoo tokkotti wal-gahuu irraa bakka addaatitti hiriirutu caala. Ummanni Aanaa tokko keessa jiru Magaalaa tokkotti wal-gahuu irra, Magaalota sadiif afuritti hiramaniii sochoo'utu diina dadhabsiisa.”
  4. “ Ciminni Dhaaba Siyaasaa tokko kan madaalamuun: hooggansa walirraa hin cinne, Hawaasa naannoo tokkoo fi biyyatti dursuu fi Hooggantoota ciccimoo of keessaa baasuu danda'uudha. ”
  5. “ Falmiin mirgaa bilisummaa Oromoo haga Oromoon addunyaarra jirtu ni falmanna, hidhaa fi ajjeechaan of duuba nu hin deebift. ”
  6. “ Gaafa tokko hidhamuu, dhaanamuu, ajjeefamuu, saamamuu walirratti hin dhiisinaa. ”
  7. “ Hanga Oromoon hundumtuu mana hidhaatii bahutti, ykn hanga hundumtuu mana hidhaa seenutti Qabsoon Oromoo jabaatee itti fufuu qaba. (Yookaa Oromoon hundumtuu hidhamuu qaba, yookaa Oromoon hundumtuu hiikamuu qaba) ”
  8. “ Lafti keenya lafee keenya, hin buqqaanu. ”
  9. “ Mana hidhaatti ykn hidhamee namni baqee cuphu hin jiru, hidhamuu hin sodaatinaa. ”
  10. “ Namni kaayyoo tokkoof si wajjin qabsaa'aa ture, yeroo rakkootis si wajjin rakkachuu osoo qabuu yoo bahuu dadhabee fi aarsaa qabsichi gaafatu si wajjin bahachuu yoo dadhabe inni akkasii anaaf qabsaa'aa miti. ”
  11. “ Qabsoon haga ammaa godhe keessatti dhiifama gaafachuu yoo na barbaachise dhimma lama qofa irratti. Tokkoffaa gidiraa fi roorroo Ummata Oromoo irratti gaggeessamu, akka ta'uu qabutti yoon ibsuu hanqadhee fi kanaas kanan godhe, Nagaan waliin jireenya Ummatoota fi Obbolummaafg yaaduu irraa sababa hanqateef yoo tahe, Ummatni Oromoo akka dhiifama naaf godhuun gaafadha. Lammata immoo miidhama Ummata Oromo hamma ta'ee ol hoow'isee dubbadhe yoo ta'ee fi kanaas kanan godhe, Dantaa dhuunfaa koo fi maqaa guddifachuuf yoo tahe, Waaqayyo akka dhiifama naaf godhuun gaafadha. ”
  12. “ Qabsoon keenya hanga bilisummaa saba keenyaa fi biyya keenyaa mirkaneessinutti kan addaan hin dhaabbanne ta'uu baraa. ”
  13. “ Waan narra gahuufi waan natti hojjatan nan beeka. tahuus biyya koorraa fagachuu hin danda'u. Qabsoo karaa nagaattin amana waan taheef ” Baqqalaa Garbaa
    • Baroota mana hidhaa turee fi bara qabsoo isaa keessatti.