Wq/om/Jawaar Mohaammed

< Wq‎ | om
Wq > om > Jawaar Mohaammed

Jawaar Mahaammad kan dhalatee caamsaa 12, 1986 oromiyaa godina harargee iddoo Dhummuuga jedhamu keessatti. Abbaan Jawaar baddaa Arsiirraa ka'anii gara gammoojjii daangaa Harargee jirutti kan godaanan yoo ta'u maatin haadhasaa ammoo gara Abbichuurraa bara Hayilsasillaasee keessa lafasaanirraa ari'atamanii gara sanatti kan godaanan turan. Kanaaf Jawaar karaa abbaasaa Arsiirraa kan dhalate yoo ta'u, karaa haadhasaa ammoo Tuulamarraa kan dhalate. Haatisaa amantii Ortodoksiirraa kan dhufte yoo ta'u, abbaansaa ammoo amantii Islaamarraa kan dhufe ture. Gama soddaatin Jawaar wallaggaa fi Gujii dha.

  1. "Biyya kana keessatti waan nuti taane, biyya kana keessatti waan Oromoon tahe, bineensi bosonaa hin taane. Don't forget ever"
  2. “ Biyyi diinagdee hin qabne, Lafee foon hin qabneedha! ”
  3. "“ Dhagaa diinni nutti darbate, walitti qabnee OMN ittiin ijaarre. ”
  4. “ Dhugaa qabna, Haqa qabna, tokkummaan falmanna, hojiidhaan diina caalla, ni injifanna. ”
  5. “ Gabrummaa ilmaan teenya hin dhaalchifnu, Bilisummaa malee! ”
  6. “ Hammamiiyyuu turu, Harmiifi mootummaan kufuu hin oolu. ”
  7. “ Gooftummaan Hagosiitif waardiyyummaan tolaa as irratti dhaabbachuu qaba. ”
  8. “ Namni qaana'e nama gaalafata! ”
  9. “ Ololli isaanii kan afaan isaanii Oromoo haxxifachiisu, Gaafa afaan keenyaan himame akka haqqisiisu waan beennuuf fudhatamaaf deeggarsa Miidiyaaleen Oromoo qaban yoo jabeesse malee hin miidhu. ”
  10. “ Qabsoon Oromoo kan guddate dhiiga ilmaan Oromootiin malee gumaata alagaatiin miti. Alagaan funyaan dhaabeef qabsoon Oromoo hin quucaru. ”
  11. “ Qeerransi maaliif du'a jennaan kal'oosaatiif, Oromoon maaliif du'a jennaan Biyyuma isaatif ”
  12. “ Wadalli harree hanga fedhe alaakuyyuu, waraabessa haadha manaa isaarraa dhowwuu hin danda'u. ”
  13. “ Walitti mufannee wal oodne malee garaan yoom walitti hammaanne. ”
  14. “ Yeroo hunda Ormi harka nu qabee duubaan nu dhiibee, duraan nu masaku malee gaara gabrummaa hin baanu yaadni jedhu jiraannaan akka dhuunfaaf sabaattis of salphisuuudha. ”
  15. “ Yoomillee xoobiyummaa dura Oromummaa koon dursa (I am Oromo First 2014 G.CC"Jawaar Mahaammad
    Bara qabsoo dabarse keessatti.