Wq/om/Barruu

< Wq‎ | om
Wq > om > Barruu

Barreessitootaaf, akkasumas dubbistootaaf edit

Badhaafamaan badhaasa Noobelii, barreessaan beekamaa biyya France tokko akkana jedha, “Yoo waa’ee onnee namootaa natti himta tahe, wanta inni dubbisu natti hin himini; wanta inni irra deddeebi’ee dubbisu natti himi.” Kitaaba al tokko dubbisnee darbachuun faayidaa xiqqaa qaba jechuu isaati. Kitaaba jaallanne irra deddeebinee dubbisuu qabna. Jim Rohn (Emanuel James) baay’een keessan kitaaba isaatiin ni beektu. Yeroo tokko akkana jedhee ture, “Wanti guddaan gatii ati kitaabatti baastu miti, gatii ati yoo hin dubbisne baastuudha” jedhe. Mee jecha bareedaa tokkon ammo itti siif dabala. Filmii series ‘Game of the Throne’ ilaaltaniittu ta’a. Asoosamni George R. R. Martin ‘A song of Ice and Fire’ jedhu qooda guddaa keessaa qaba jedhama. Kitaabicha hin dubbisne waan taheef waa utuu hin jedhinin bira tara. Garuu jechi barreessaa kanaa hedduu keessan ni jijjiira: ““A reader lives a thousand lives before he dies… the man who never reads lives only one.” jedha. Kaayyoon garee kanaa dubbisaa horachuudha. Ofii keenyaa baay’ee dubbisnee utuu hin taane, hanga xiqqoo dubbisnu irraa wal dubbisiisna jenneeti. Sabni dubbisaa baay’ee qabu barreessaa hedduu horata. Waan kana hundeessitoota Hollywood keessaa tokko kan tahe Steven Spielberg akkana jechuudhaan ibsa; “Only a generation of readers will spawn a generation of writers.” jedha. Kanaaf, isin dubbistoonni waan dubbistan nuuf qooduu hin dhaabinaa jechuun fedha. Barreessitoota; Kitaabota barreessitan miseensonni garee keenyaa akka salphaatti argataniif, iddoo itti rabsitan waliin kitaabicha nuuf eeraa. Wal jajjabeessina! Kitaabota amma dura maxxansitanis yoo tahe nuuf ergaa; isiniif beeksisna! Hub: Timeline keessan irraas haa tahu, gara birootii waa share garichatti hin taasisinaa! Galatoomaa